Jeremiah 30:14 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Jaalani teesani ch'ufti ya isani deete, worri diqole waan keesani iyyaalu. Waan dabi keesani heddate, ch'ubbuuni teesani lafa ira dabarteefi, anini aka nyaapa isani had'e gaargala gudda isanitini d'ufe.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Goshoonni keessan maruu isin irraanfataniiran; isaan isin hin barbaadan; cubbuun keessan guddatee hammeenni keessanillee guddisee waan guddaa ta'eef, ani akka diinaatitti isin dhaye; uduu garaa isinii hin laafne isin adabe.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Jaaloti teessan marti isin dedhaneeran; isaan haajaa keessan hin qabanu. Yakkaan teessan guddoo cubbuun teessanille bacaa waan teeteef, ani akkuma diina dhowanu isin dhowee, marartii maleelle isin adabe.