Jeremiah 31:10 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
AABBO Waaqi waan jed'u, Gosa ch'ufa, na ch'aqasa, dubbi tiyya lafa fago ta afaani galaana ch'ufati haasaa. Anini gumi tiyya ta Israeli gargari firfirse, duuba eege wolti deebise, akuma tissituuni hooliye ufi qorqoratu qorqorad'a.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Rabbi akkana jedha, «Isin baniin! na dhagayaa'a; dubbii kiyya biyya fago'ottillee labsaa'a; ani banii kiyya bittinneessee ture; amma garuu wolitti isaan qaba; akkuma tisseen horii ufii tissu anillee isaan tissa.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
«Ee gosa biyya adda addaa, jecha Mootii Waan Maraa dhage'a'a! Lafa qarqara abbaaya'aa ta fago'oo irraa, ‹Ka Israa'el bittinneesse wolitti isaan qabee, akka tisse'ee hoolee ifii hin eega› jedha'aatii lallaba'a.