Jeremiah 31:23 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
AABBO Waaqi, guddaani Israeli, waan jed'u, Gaafa anini gumi tana lafa isiiti deebisu, isiini deebiteti lafa Yudatifi dira isii keesati waan jettu, AABBO Waaqi gaara qulqullo Yerusalemu fulla inni tau eebisinna.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Rabbi Gooftaan banii maraa Waandhi Israa'elii akkana jedha, «Hennaa ani banii gara biyya isaanii deebise biyya Yihuuda'aatii fi qachoota isi'ii ‹ati gaarattiin woyyittiin ta dhugaan keessa bultu Rabbi si haa eebbisu› jedhan.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Mootiin Waan Maraa Ka Waan Mara Dade, Waaqi Israa'elii, «Ani lafa isaan itti booji'amane keessaa gara lafa isaanii yennaa isaan deebisu, isaan biyya Yihuda'aatii fi qachaa achi keessaa keessatti, ‹Ee addee balchitti'i, ee gaara woyyicha, Mootiin Waan Maraa si eebbisu› hin jedhan.