Jeremiah 31:34 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Nami tokoleeni deebie nama gosa isaa yokhaani oboleesa isatini, AABBO Waaqa beekhi jed'e, imbarsiisu; wonti akanatiifi worri ch'ufti, diqaafi guddaleeni, na beekha. Anini daba worraa araarameefi ch'ubbu worraale deebie inqaabad'u. Nami dubbi tana jed'e ana, AABBO Waaqa.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Armaan maayessa namni Rabbiin beeki jedhee goshoo ufii yookaan obboleessa ufii barsiisu hin jiraatu; namni diqqa'aa haga gudda'aallee na beekan; ani yakka isaanii isaanii dhiisa; cubbuu isaaniillee isaanitti hin laakkayu; ka waan kana dubbate ana Rabbi.»
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Ani yakkaa isaanii isaaniif hin araarama; cubbuu isaaniille deebi'ee isaanitti hin laakkowu; isaan marti diqqa'aa haga gudda'aatitti na waan beekanuuf, haganaa achi nami tokko ollaa ifii yookiin fira ifii, ‹Mootii Waan Maraa beeki› jedhee hin barsiisu» jedha.