Jeremiah 31:8 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Anini mirgaa worraani d'ufe muumme lafale worra guure galcha. Naafafi ballaleeni worra woliini d'ufe, nad'eeni garaacha qabdufi, ta diquma ind'alinileeni worra woliini d'ufti, worra gumi heddu muumme inqamneti gala.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
«Ani gara kaabaatii isaan fida; daangaa lafaatiillee wolitti isaan qaba; balloonni, worri hokkolan, dubartoonni ulfaatii fi dubartoonni ciniinsifatan maruu isaan woliin dhufan; banii guddaa ta'anii gara biyya ufii deebi'an.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Kunoo, ani lafa kaabaa irraa isaan hin fida; qaccee lafaa irralle'ee isaan wolitti hin qaba. Naafaa fi ballaan, dubartiin ulfaatii fi ta ciniinsifattu odduu isaanii jiran; isaan kolbaa hedduu te'anee hin deebi'an.