Jeremiah 32:2 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Gaafasi duuli hayyu Babiloni Yerusalemu had'uuti jira, ammalle naabo mana hayyu Yuda keesati na hid'aani.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Hennaan sun hennaa mootiin Baabiloonii Nabukadanatsoor loltoota ufiitiin Yerusaalemiin irratti balaa geessu'uuf marse; hennaa san ana mana mootumma'aa keessatti bulee kutaa worra balbala eeganii keessatti balballi natti cufamee ture.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Yennaa san loltooti mootii Baabilonii Yerusaalem marsaneeraniiyyu; raagichi Ermiyaasille kolloo eeddotaa ta badhinna mana mootumma'aa ka mootii Yihuda'aa duraa keessatti hidhameeraayyu.