Jeremiah 32:30 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Haguma duriti worri Israelitiifi ka Yudaleeni waan tolchani ch'ufaani ya garaa na yake na dallansiise.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Worri Israa'eliitii fi baniin Yihuuda'aa hennaa ijaaramanii jalqabee waan hamaa hojjachuu malee wonti mishaan isaan hujan tokkollee hin jiru; keessattuu baniin Israa'elii waaqa tolfamaa harka ufiitiin hojjataniin na aarsuu malee wonti isaan na gammachiisaniin hin jiru.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Kolbaan Israa'eliitii fi Yihuda'aa jalqabuma irraa jalqabanee fuula kiyya duratti waan hantuu qofa hujane; isaan waan harka ifiitiin hujaneen na aarsane malee wonni isaan hujane takkaalle hin jirtu.