Jeremiah 32:35 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Ammalle Bale Hinomu keesa fulla sorio iti qalani Baalii jaarani ilmaani isani waaqa Moleki jed'ani sorio baasani. Anini, waan kana tolcha worrani injenne, yokhaani aka worri waan akana kana tolche worra Yuda ch'ubbu keesa buusu diqole inherenne.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Ijoollee isaanii ta dhiiraatii fi ta intalaa waaqa tolfamaa Mooleek jedhamuu ciincaa dhiyeessu'uuf dhooqa Heenoomii keessatti hulee ciinca'aa waaqa tolfamaa ba'aaliif hojjataniiran; ani akka isaan waan kana hujan isaan hin ajanye, banii Yihuuda'aa gara cubbu'uu masakkan jedhee hin eenne ture.»
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Ilmaan ifiitii fi ijoollee ifii ta durraa waaqa dharaa ka, ‹Moleek› jedhamuuf ciincaa dhikeessiisaaf, dhooqa Ben-Hiinomii keessatti waaqa dharaa Ba'aaliif, addee waaqonfanna'aa ijaarane; isaan waan jibbisiisaa akkasiitiin, kolbaan Yihuda'aa cubbuu akka hujju godhane; ani waan akkasii kana akka isaan naaf godhanu, isaan hin ajajne yookiin qalbii tiyya keessatti hin yaadanne.