Jeremiah 32:44 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Biyyiti oobru bitate, hojja bitani suni tatabe bitani d'uga durati t'aafani beesisa ira kayani. Wonti kunini lafa Benjaminitifi ollowaani d'aatu Yerusalemutifi dira Yudatifi dira lafa gaareenitifi lafa golbootifi lafa Yuda ta bitale ch'ufa keesati taati. Nami dubbi tana jed'e ana, AABBO Waaqa.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Baniin lafa bitata, wolii galteen ragoonni itti mallatteessanii chaappeeffama; wonti kun maruu gandoota naannaya Yerusaalemii kutaa Biiniyaamii qachoota baadiyya'aa ka Yihuudaa keessaa qachoota biyya gaaraa tulloota jalaa fi Yihuudota gara kibbaatiin jiran maraa keessatti raawwatama; ani baniin maruu gara biyya ufii deebi'anii akka qabeenna ufii fudhatan taasisa.»
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Ani biyya isaan itti booji'amane keessaa waan isaan deebisuuf, biyya Beniyaaminii keessatti, ollaa adaala Yerusaalemii keessatti, qachoota Yihuda'aa keessatti, qachoota biyya koobitti'ii keessatti, qachoota kooba gara aduun seentuu jalaatii fi qachoota kibba Yihuda'aa keessatti namooti fichaa meeti'iin hin bitatan; dhugaa baatota duratti wolii galtee irratti mallatteessanee chaappaa itti hin dhowan» jedhe.