Jeremiah 33:11 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
qonqo gammadaatifi ta qilit'amatifi qonqo gammada ta guyya fuud'a, d'agayani. Qonqo nama waan galata baasani Mana kiyyaani d'ufe sirbule d'agayani. Worri waan jed'u, AABBO Waaqa gudda galata deebisa, inni dansa, jaalalti isaaleeni haga jiru jireenna teeti. Anini lafa tana eebise finna duri isiini qabdu kaani deebisaafi. Nami dubbi tana jed'e ana, AABBO Waaqa.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Hulee kanatti lagaan usheexxu'uu, ka gammachu'uutii fi laagaan sirbaa deebi'ee dhagayama; worra hulee itti booji'amanii deebi'anii qabeenna isaan duraan qaban waan isaanii deebisuuf hennaa isaan ciincaa galataa naa dhiyeessu'uuf gara mana woyyuu kiyyaa dhufan, ‹Rabbii Gooftaa banii maraa galatoonfadhaa'a; inni waan arjaa ta'eef jaalalli isaallee ka baraa haga bara baraa waan ta'eef› jedha'aa laagaa gudda'aan faarfatan; ka waan kana dubbate ana Rabbi.»
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Worra lafa tana keessaa booji'amane akka duriititti waan isaan deebisuuf, qoonqoo gammadaatii fi ililleetti'ii, qoonqoo waajibichaatii fi waajibitti'ii, qoonqoon worra faaru'uun galateeffataa, gara Galma Waaqaa dhufuu ta, ‹Mootiin Waan Maraa Ka Waan Mara Dade dansaa waan te'eef, jaalalli isaalle ka bara baraa waan te'eef, isa galateeffadha'a› jedhuu hin dhage'anti» jedhe.