Jeremiah 33:13 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Diri lafa gaareenitifi ka lafa golbootifi ka lafa bitaa ta Yudatifi ka lafa Benjaminitifi ollowaani d'aatu Yerusalemutifi dira Yuda keesale, tissituuni akuma duri deebite ree tohati. Nami dubbi tana jed'e, ana AABBO Waaqa.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Tisseen biyya gaaraa, tulloota jalaa fi qachoota Yihuuda'aa ka gara kibbaatiin jiran, bulchiinsa kutaa Biiniyaamii, gandoota naannaya Yerusaalemii jiranii fi qachoota baadiyya'aa ka Yihuuda'aa maraa keessatti deebi'anii hoolota ufii laakkayatan; ka waan kana dubbate ana Rabbi.»
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Qachoota kooba irraa keessatti, qachoota kooba gara aduun seentuu jalaatii fi qachoota kibba kana'aanii lafa Beniyaaminii keessatti, ollaa adaala Yerusaalemii keessaatii fi qachoota Yihuda'aa keessatti, tissitooti horii ifii hin toowatan» jedha.