Jeremiah 33:4 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Anini, AABBO Waaqi Israeli, waan jed'u, maneeni Yerusalemutifi mana hayyu ka Yudale imballeesani. Yo nami bahe worra Babiloni ka biyye tuule dira kanaani marse had'ele hujiini sunini woma imbaatu. Ammo wonti isiini d'uftuni, reefuma nama anini dallansu tiyya keesa hobaase, ka dira kana keesa guute ch'alla. Anini yayu dira kana fuula iraa deefad'e, maro nami isa keesa tau waan hamtu tolcheefi.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Waan marfamtee lolaan miidhamtuuf manniin Yerusaalemiitii fi manniin mootummaa Yihuuda'aa hin diiggaman;
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Mootiin Waan Maraa Waaqi Israa'elii, marroo mana qachaa Yerusaalemiitii fi marroo mana mootummaa Yihuda'aa, ka dhakaa mana saniitiin dalleya dhaka'aa ka qacha'aa jabeeffatanee, kaabii loltooti Baabilonii itti marsanee fi lola worra Baabilonii ifi irraa dhooggatiisaaf, akka itti fayyadamanuuf diigamuutiif,