Jeremiah 33:9 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Diri kunini gammadafi ulfinnaafi gurraani naa d'ufa; ammalle gochiti ch'ufti sodaate mudamti, hojja waan dansa anini worra Yerusalemuti tolcheefi hormaata anini dira sunitini d'ufu d'ageetu.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Waan mishaa ani Yerusaalemii godhu maraa baniin hennaa dhagaye waan guddinna kiyyaatiif ulfinnaa fi galata naa galchan; hennaa ani banii Yerusaalemiitii waan mishaa godhuu fi qabeenna ani qachatti'ii kennuuf mishummaa ani isaanii godhuun worri ormaa maruu hennaa dhagayan sodaatanii hollatan.»
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Achiin duuba qachaan kun qachaa maqaan kiyya ittiin beekkamu, ka ani ittiin gammadu, gosa biyya adda addaa worra waan dansaa ani qachaa kanaaf godhe kana mara dhage'e duratti, waan ani ittiin leellifamuu fi ittiin ulfaadhu hin te'a; kolbaan tun waan dansa'aa fi qananummaa ani qachaa kanaaf kennu mara dhaggitee sodaattee hin hollatti› jedha.