Jeremiah 34:14 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Eegi ganni torba dabre ch'ufa nama gosa teesani ka Ebrania, ka isaniti gurgurani, ka ganna jaa isani hojate, galakisa. Ammo ababooti teesani na ch'aqasu didde dubbi anini jed'eenile na jalaa qabu dide.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Akkaatama waadaa isaanii gale saniitiin worri Ibrootaa ka isaan garboota jedhan maraa haga isaan woggaa jahaa tajaajilaniin maayessa woggaa torbeesso'ootitti akka bilisaan gad isaan dhiisan ajaje; abboonni teessan ta durii garuu naa ajajamuu dhiisii dubbii kiyyaa dhagayuu hin barbaanne.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
isaaniin: Tokko tokkoon keessan nama Ibrootaa ka isinitti ifi gurgure woggaa jaa isin tajaajileen duuba, woggaa torbeesso'ootitti bilisa isa baasa'a! Jedheeraayyu; abbootiin teessan ta durii ammoo waan ani dubbadhe hin dhageenne yookiin naafille hin ajajanne.