Jeremiah 34:15 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
D'iuma tana isani waan na gammachiisa tolchitani, isaniini ch'ufti ee jettani, aka nama gosa teesani ch'ufa galakiftani. Ammalle isani mana kiyya ka keesati na kad'atani keesati wold'aqisa na durati tolfatani.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Isinillee guyyaa hago'oon dura gaabbitanii waan na gammachiisu hojjachuu jalqabdanii turtan isin maruu garbicha gosa Israa'elii ta'e akkanumaan gad dhiisu'uuf wolii galtan; mana woyyumma'aa ka ani keessatti waaqeffamutti wolitti qabamtanii na afo'otti waadaa galtan.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Isin amma cubbuu irraa deebitanee fuula kiyya duratti waan sirrii te'e hujjaneertan; tokko tokkoon keessan Yihudoota obboleeyyan teessan ta garba godhattane bilisa baattaneertan; Galma maqaa kiyyaan waamamu keessatti na duratti gondooroo gondoorattaneertaniiyyu.