Jeremiah 34:16 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Ammo eegi suni isani ammalle garagaltani na ch'eersitani. Isaniini ch'ufti tissele isani ga d'iiftani taani deefatani irreeni hojachiiftani.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Garuu yaada keessan jijjiirtanii waan maqaa kiyya arrabsiisu hojjattan isin maruu akkuma fedha keessanii akkanumaan bilisa gad dhiiftan; worra akkanumaan bilisa gad dhiiftan deebitanii garboonfattanii isaan bulchuu jalqabdan.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Amma ammoo yaada keessan jijjiirattanee maqaa kiyya batteessitane; tokko tokkoon keessan garboolee teessan ta dhiiraatii fi ta durraa ta qara addee fedhane akka deemanu bilisa baattane deebittanee hunnaan garba godhattane.