Jeremiah 34:17 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Tanaafi wonti amma AABBO Waaqi jed'u tana: Isani yayu seera kiyya ch'absitani; isani nama gosa teesani balchuma kennuufi diddani. Hayye hataatu, aninileeni balchooma isanii kenna: balchoomi kunini ka woraanafi beelafi d'ukubaani isani hobaasu. Gochiti lafa keesa jirtu ch'ufti, yo waan anini isani tolchu agartu, irifati.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Kunoo ani Rabbi wonti isiniin jedhu kana ‹Isin naa hin ajajmne, worra Israa'elii gosa keessan ta'anii bilisummaa hin kennine› kanaafuu ani akka isin lolaan, beelaa fi bala'aan duutan isin dhiisa; waan isin irra gayu maraan akka baniin adunyaa irra jiru maruu rifatu taasisa.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Tanaaf ani Mootiin Waan Maraa: Isin naaf ajajantanee, Yihudoota obboleeyyan teessaniif bilisummaa hin kennine. Maarre ani bilisummaa isin shallaaga'aan, beelaa fi bala'aan dhumattanu isiniif hin kenna; mootummoota biyya lafaa maratti waan hantuu nami dhaggee bararaqu isin hin godha.