Jeremiah 34:21 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Ammalle anini Sedekia hayyu Yudatifi hojattu isaale nyaapa isaani ka worra ijeesu fed'uti kenna. Anini worra suni harka duula hayyu Babiloni, ka amma had'iisa keesani lakiseti kenna.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
«Ani Sedeqiyaasii mootii Yihuuda'aatii fi ajajaa ajajoota woraanaa maraa diintota isaanii ka isaan balleessu'uuf ta'anitti dabarsee isaan kenna; ani ka dabarsee itti isin kennu loltoota Baabiloonii ka balaa isin irratti buusu'uuf jabaatanitti.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Mootii Yihuda'aa Zedeqiiya'aa fi qondaaltota isaa worra isaan ijjeesiisaaf barbaadu, harka loltoota mootii Baabilonii ta amma isaan loliisa lakkisaneetitti dabarsee isaan hin kenna.