Jeremiah 34:5 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
ammo kama nagaya qabdu doota. Ammalle biyyiti akuma gaafa ababoota tante ta si durati hayyu taate, awaalte hit'aana aarsitefi akasuma sile hit'aana aarsani. Duuba hayyuuni keenna ya due jed'ani sii bohani. Nami dubbi tana jed'e ana, AABBO Waaqa.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Ati nagayaan hara baafatta; abboonni tee ta durii ka siin dura mootii ta'anii turan hennaa du'an baniin ulfinna isaaniitiif akkuma ibidda isaanii bobeessa'aa turan; siifillee akkasuma ibidda bobeessan; ‹Ee bada mootii keenna› jedha'aa sii booyan; ka waan kana dubbate ana Rabbi» jedhee himu na ajaje.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
ati nageyaan hin duuta; abbootii teeti ta durii, worri si'iin dura mootota te'ane yennaa du'ane, kolbaan ulfinna awwaala isaaniitiif ibidda akkuma gabbisane, ulfinna awwaala keetiitiifille ibidda gabbisanee: Aanne'e, ee goottaa keenna jedhaa si'iif hin bowan; ani waadaa kana si'iif hin muummessa jedheera› jedhi» jedhe.