Jeremiah 35:15 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Anini maro heddu raagoota hojattu tiyya isaniti erge worrileeni isani gorse waan jed'e, Isani nami ch'ufti hameenna lakisa, waan d'uga gula yaa. Waaqa d'ibi gula yaatani inhojatinafi. Duuba yo suni, lafa anini ababoota teesani kenne nagayaani keesa teetani. Ammo isani dubbi tiyya ind'ageenne yokhaani na jalaa inqamne.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Raattota tajaajiltoota kiyya ta'an deddeebi'ee gara keessan ergeera; isaan akka isin hujii hamaa keessan irraa deebitanii waan qajeelaa hojjattan isinitti himaniiran; akka isin waaqolee tolfamaa ormaatii hin saganne, akka isin isaan hin tajaajille isin seeraniiran; akka isin lafa isinii fi abboota teessan ta duriitii kenne irra jiraattan waan kana maraa isin ajaje; isin garuu ana dhagayu'uu fi dubbii ani isinitti himu fudhatuu hin barbaanne.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Ani tajaajiltoota tiyya raagota itti deddeebi'ee gara keessan ergee, ‹Tokko tokkoon keessan karaa keessan hamaa irraa deebitanee hujii teessan sirreeffatiisa qaddan; isaan tajaajiliisaaf, waaqota dhibii hin hordofina'a! Yoo san lafa ani isinii fi abbootii teessan ta duriitiif kenne keessa hin leetan› isiniin jedheeraayyu; isin ammoo waan ani isinitti hime hin dhageenne; anaafille hin ajajanne.