Jeremiah 35:7 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Ammalle mana injaaratina, oobru mid'aanitifi ta zabibu inqotatina, yokhaani imbitatinale; waan akana kana tokole intolfatina, waaro keesa qubad'a. Duuba akasiini lafa keesa gogodaantani tana keesati turtani.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Akkasuma akka mana jireennaa hin ijaaranne, akka lafa hin qotannee fi akka lafa biqiltuu woyini'ii itti dhaaban hin midhaassine nutti himeera; lafa tana irra akka keessumma'aa hennaa dheera'aaf akka teennu daasee keessallee akka jiraannu nu ajajeera.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Akkasuma, ‹Lafa hori'iin keessa godaantanu tana keessa bara dheeraa akka leetanu, bara le'ii teessanii mara dunkaanii keessa le'aa malee mana hin ijaaratina'a; midhaan hin facaafatina'a; muka woyniille hin dhaabbatina'a; waan kana tokkolle hin qabaatina'a› jedheera.