Jeremiah 36:10 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Duuba ato nami ch'ufti tae ch'aqasu, Barukuni dubbi anini jed'e taani woraqata iraa soome. Inni hojja woraqata suni biyyaa soomu fulla mana Gemaria ilmi Shafani, ka tatabe t'aafu iti galu, ka d'aatu Mana Waaqa jiru jira. Mani inni iti galu sunini naabo oli keesa jira, d'aatu Fullo Hareeti Mana Waaqatini seenani.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Baarook waan ani itti himee dubbii kitaaba maramaa irratti barreesse maraa akkaataa baniin dhagayuu danda'anitti isaanii dubbise; wonti inni mana woyyuu keessatti godhe kutaa barreessaa Gamaariyaa ilma Saafaanii bira lufeeti; huleen kutaan sun itti argamu ladda dallawa dhaga'aa haarawa karaa seensa mana woyyu'uu gubba'aan karaa bayimaa bira achi lufeeti.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Achiin duuba, badhinna Galma Waaqaa ka gubba'aa keessatti, seensuma karra haareya Galma Waaqaa biratti, kolloo Gemaariyaa barreessicha ilma Shaafaanii keessaa, Baaruk jecha Ermiyaas dubbate, kolbaa maraaf kitaaba maramaa keessaa dubbise.