Jeremiah 36:14 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Jennaani jari hojattu sunini Yehudi, ilma Nethania, ka ilma Shelemia, ka ilma Kushi, Barukuti erge waan jed'e, Woraqata atini biyyaa soomte fuud'i kootiini. Jennaani Barukuni woraqata kaani fuud'e d'ufeeni.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Kanaan maayessa worri baalli qaban maruu kitaaba maramaa Baarook bani'ii dubbisa'aa jiru akka fidan akka himu Yihuudiiniin ergan; (Yihuudiin ilma Naataaniyaaniiti, Naataaniyaan ilma Shaalemiya'aati; Shaalemiyaan ilma Kushi'iiti) Baarook kitaaba maramaa san qabatee gara isaanii dhufe.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Achiin duuba qondaaltoti sun marti, abuuboo kuushii, akaakoo Shelemiiya'aa, ilma Netaaniya'aa Yehud erganee, «Dhaqiitii Baarukiin, ‹Kitaaba maramaa kolba'aaf dubbitte san fidii koy!› jedhiin» jedhane; maarre ilmi Neriiya'aa Baaruk kitaaba maramaa san harkatti qabatee dhufe.