Jeremiah 36:9 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Jia sagaleeso, ka ganna shaneeso, ka Yehoiakimuni lafa Yuda mohate keesa, biyyiti AABBO Waaqaa jette ufi agabsite. Nami ufi agabse sunini worra Yerusalemu keesa taufi worra dira Yuda keesaa d'ufe.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Iyyoo'aaqeem ilmi Iyyoosiyaasii Yihuudaa irratti mooyee woggaa shaneesso'oo ji'a sagaleesso'oo keessa baniin Yerusaalemiitii fi baniin qachoota Yihuuda'aa keessaa dhufan Rabbiin irraa araara argatu'uuf hennaa itti sooman labsan.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Ilmi Yosiyaasii Yehoyaaqiim mootii Yihuda'aa te'ee woggaa shaneesso'oo, ji'a sagaleesso'ootitti, kolbaan Yerusaalemiitii fi kolbaan qachaa Yihuda'aa keessaa gara Yerusaalemii dhufane marti Mootii Waan Maraa duratti laamiisaaf lassii lassane.