Jeremiah 37:13 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Anini Fullo Benjamini geennaani guddaani askarti, ka lafa eegu, ka Iriya, ilma Shelemia, ka ilma Hanania jed'ani, na qabe waan nani jed'e, Atini goli worra Babiloniti, tanaafi gara worra suni baqachuu jirta!
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Garuu akkuma achi deemee balbala seensa dallawa Biiniyaamii gayeen bulchaan worra balbala eeguu ka maqaan isaa Yuuriyaa jedhamu ilmi Sheeliyaa ilma ilma Hanaaniya'aa «Ati gantee gara Baabiloonii deemu'uuf taataa!» jedhee na dhaabsise.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Inni dhufee karra Yerusaalemii ta, «Karra Beniyaamin» jedhantu yennaa geye, ajajaan eeddotaa ka maqaan isaa, «Yiriyaa» jedhamu, ilmi Shelemiiya'aa akaakoon Hanaaniya'aa, «Ati finqiltee gara worra Baabilonii deemaarta!» jedhee isa qabe.