Jeremiah 37:17 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Jennaani eegi suni hayyu Sedekiani na yaame, duuba mana hayyutini na d'ufani, hayyuuni kobati woi na gaafate waan jed'e, Dubbini gara Waaqati d'ufte jirti? Anini Ee injirti, harka hayyu Babiloniti si kennani jed'eeni.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Haga diqqoo turee mootichi Sedeqiyaas nama ergee na fuusisee mana mootummaa ufii keessatti hojjuma ufii «Dubbii raagaa ka Rabbi sitti hime qabdaa?» jedhee na gaafate; «Ee hin qaba!» jedheenii dubbii kiyya uduu wol irraa hin kunne «Mootii Baabilooniititti dabarsanii si kennan» jedheen.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Achiin duuba mootichi Zedeqiiyaan nama ergee gara mana mootumma'aa ka ifii isa fidee, «Wonni Mootiin Waan Maraa sitti dubbate jirtii?» jedhee qofuu isa gaafate. Innille deebisee, «Ee, hin jirti; ati harka mootii Baabiloniititti dabarfantee hin kennanta» jedhe.