Jeremiah 37:21 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Jennaani hayyu Sedekiani, naabo mana hayyu keesati hid'a jed'e, achiti na hid'ani. Duuba anini achi tae, guyya ch'ufa qit'a toko fulla iti d'aabani fuud'ani naa kennani, haga qit'aani dira suni keesaa inhobaini.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Kanaaf mootichi Sedeqiyaas kutaa worra balbala eeganii dallawa mana mootumma'aa keessa na galchanii akka natti cufan ajaje; ani achuma ture; haga qachattii keessaa buddeenni dhumatutti worri buddeena godhu guyya guyya'aan buddeena tokko tokko naa kenna'aa turan.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Maarre mootichi Zedeqiiyaan kolloo eeddotaa ta badhinna mana mootumma'aa keessatti akka hidhamu ajajee, daabboon qachaa keessaa haga dhumatutti karaa worra daabboo bilcheesuutiin guyyuma guyya'aan daabboo tokko tokko akka isaaf kennanu godhe. Maarre Ermiyaas kolloo eeddotaa ta badhinna mana mootumma'aa keessa ture.