Jeremiah 38:11 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Duuba Ebedmelekini jara suni fuud'e, mana miha keesati olkayani d'aqe, woya ch'ich'ite fuud'e, haadaani nati gabuuse.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Kanaaf Abemelek namoota qabatee deemee mana mootumma'aa hulee meeshaan keessa taa'u seenee carqii yabbu'uu fi uffata moofaa argee haadaan hidhee gad naa buuse.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Maarre Ebeed-Melek namoota san woliin gara kolloo mana mootumma'aa keessaa ta mana meyaatiin jala jirtuu dhaqee, woyaa dullatti'ii fi hoccuu bututtuu fuudhee wodaroo itti hidhee gara Ermiyaasii boolla bisaanii keessa gad buuse.