Jeremiah 38:22 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Daayya suni keesa anini nad'eeni mana hayyu Yuda keesati hafte, ta hojattu hayyu Babiloniti geesani arge. Waan ato yau worri jed'e ch'aqasi: Jaalani hayyu, ta inni d'ugeefatte, ya isa sobde dabsate. Amma miili isaa ya d'oqe keesa bade, jaalani isaleeni ya biraa yaate.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Kunillee dubartoonni mana mootummaa Yihuudotaa keessatti hafan maruu hennaa gara worra baallii qabanii ka Baabiloonii geessu'uuf fuudhanii deemaniin akkana siin jedhan, ‹Goshoonni tee ta dhiyo'oo si dogoggorsaniiran; isaan si irratti mooyaniiran; amma garuu waan lutti tee duduba keessa seenteertuuf si gatanii deemaniiran› siin jedhan» jedheen.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Dubartooti mana mootii Yihuda'aa keessatti hafane marti qondaaltota mootii Baabiloniitiif dabarfamanee hin kennaman; dubartooti sun si'iin: «‹Jaaloti teeti worri ati addatte si dokonkorsanee si injifatane. Miilli keeti dhoqqee keessa lixeera; jaaloti keeti si lakkisanee baqataneeran› hin jedhan.