Jeremiah 38:27 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Jennaani jari hojattu kaani ch'ufti d'ufe woi na gaafate; aninileeni waan hayyuuni jed'i nani jed'e kaani akasuma iti hime. Wonti worri tahu d'ibiini injiru.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Achiin maayessa worri baallii qaban dhufanii na gaafatan; anillee akkuma mootichi naan jedhe san isaanitti hime; anii fi mootichi hennaa woliin mari'annu eennullee waan hin dhageenneef gaafii gaafata'aaran dhaaban.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Qondaaltoti marti gara Ermiyaasii dhufanee isa gaafatane; innille akkuma mootichi isa ajaje isaaniif deebise; maarre waan inni mooticha woliin dubbate nami tokkolle waan hin dhage'iniif, isaan isa gaaffii lakkisane.