Jeremiah 38:6 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Duuba worri na fuud'e, haadaani eela Malkiya, ka ilma hayyu, ka naabo mana hayyu keesaa, keesa na buuse. Ammo eeli sunini d'oqe male bisaani inqabu, duuba anini d'oqe suni keesa lit'e.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Kanaafuu isaan na qabanii boolla bisaanii ka Hilkiyaasii ilma mootichaa ka baya mana mootumma'aa afoo jiruu na fidanii haadaan na hidhanii boolla keessa na buusan; boolla keessa duduba malee bisaan hin jiru; achi keessatti dudubni na liqimse.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Maarre isaan Ermiyaas geessanee wodaro'oon boolla bisaanii ta Malkiiyaa ilma mootichaa, ta badhinna kolloo eeddotaa keessa jirtu keessa buusane; boolli sun dhoqqee malee bisaan keessa hin jiru; Ermiyaasille dhoqqee keessa gad lixe.