Jeremiah 39:5 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Ammo duuli Babiloni worra reebe, d'aatu Yerikoti diida keesati Sedekia qabe. Duuba hayyu Nebukadreza, ka dira Ribla lafa Hamathi, keesa jiruti geesani, achiti Nebukadrezani, isa qore waan tolchuu malani iti mure.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Garuu loltoonni Baabiloonii duubaan isaan ari'a'aa raasaa Iyyaarikoo ladda jiru biratti dhaqqabanii Sedeqiyaasiin booji'anii mooticha Nabukadanatsooriin bira fidan; hennaa san mootichi Nabukadanatsoor qachattii Ribilaa jedhamtee waamamtu ta bulchiinsa Haamaatii jala jirtu keessa ture; mootichi Nabukadanatsoor achumatti mootii Sedeqiyaasitti murteesse.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Loltooti Baabilonii ammoo isaan ariitee, dirree Yeriko'ootitti isaan dhaqqaddee Zedeqiiyaa mooticha qadde; isa boojitee, gara qachaa Riiblaa ka lafa Haamaatii keessa jiruu, gara mootii Baabilonii isa geessane; mootichille achitti isatti mure.