Jeremiah 4:10 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Jennaani anini waan jed'e, Ee AABBO Waaqa gudda, atini yayu worra Yerusalemu aka male sobde balleesite! Atini lafti nagaya jette ka goraadeeni lubbu worraati ejitu.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Anillee, «Rabbi Gooftaa kiyya! ati banii Yerusaalemiitiin ‹nagaya argattan› jettee maaf isaan sobde? amma garuu isaan guraade'een dhumata'aaran» jedhe.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Achiin duuba ani, «Maaloo, Mootii Waan Maraa Ka Waan Mara Dandeettu, shallaagaan adoo morma keenna irratti aggatamee jiruu, ati ‹Nageenni isiniif hin te'a› jedhaa kolbaa tanaa fi Yerusaalemii attam attam sodde ree!» jedheen.