Jeremiah 4:18 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Yuda, adabuma keetifi woma atini taateti waan kana sitini d'ufe. Ch'ubbuma teetiti badii tana sitini d'ufe — isiini ya onne si d'oofte si ijeefte.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Yihuudaa'a! sababaan wonti kunniin maruu si irra gayeef waan jireenna kee bada'aatii fi waan hujii kee hama'aatiif; wonti rakkoon hadhaayaan kun marti si irra gayeef sababaa cubbuu keetiitiif waan ta'eef nafa kee kutee seenee garaa kee madeesseera.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Ee Yihuda'a, ideensi keetii fi hujiin teeti tana si'itti fidde; tun adabama keeti; adabamiis keeti kun attam attam hadhowa'a; gadhaa keeti keessa dhaqqabeera.