Jeremiah 4:19 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Anini waan kana aka takaa inargini laalefad'e, dandae inoobsu! Onneeni tiyya teete na keesati buubdi, dandae afaani inqabad'u! Anini magalata d'aanifi iyyanna worra woli had'u d'agaya.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Attamitti rakkinna kana maraa obsuu danda'a! hayi rakkinna! dhayannaan onnee tiyyaa attamitti ariifate? hayi onnee tiyya! laagaa xurumba'aatii fi ka lolaa uduu dhagayu obsee cadhisuu hin danda'u.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Hoola farra tiyya! Hoola farra tiyya! Ani dhibe'een gugguufe. Hoola laalaa gadhaa kiyyaa! Ani qoonqoo tultulla'aatii fi iyya lolaa waan dhage'eef, gadhaan kiyya na dhowata; ani ossuu hin dande'u.