Jeremiah 4:7 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Akuma nyeench'i goda isaa keesaa bahu, akasuma nami gosa ch'ufa balleesu ya gabahe. Inni lafa Yuda balleesu d'ufe. Diri Yuda bade ona taha, nami iti galu injiru.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Akkuma leenci bosona itti dhokate keessaa bawu, wonti banii maraa balleessu hin ka'a; inni biyya Yihuuda'aa balleessu'uuf dhufa; qachoonni biyya Yihuuda'aa hin diiggaman; namni isii keessa jiraatu hin argamu.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Ka gosa biyya adda addaa balleessu akka neenqa gongomaa keessaa bayuu, lafa teessan balleessiisaaf, qachoota keessan diigee, nami tokkolle akka keessa hin jiraanne godhiisaaf, addee ifii irraa karaa irratti bayeera» jedha.