Jeremiah 40:1 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Eegi abbaani duula Nebusaradanini Ramati na gad'iise, AABBO Waaqi nani dubbate. Qara duri sansalatani na hid'aani, worra Yerusalemutifi ka Yuda ka boojiani Babiloni geesani kaani ch'ufa woliini achi na geesani.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Naabuzardaan kabajjamaan ajajaan worra balbala eeganii Raama'aa haga bilisaan gad na dhiiseen maayessa Rabbi natti dubbate; ani tanaan dura ka achi dhaqe worra banii Yerusaalemiitii fi banii Yihuuda'aa keessaa booji'anii hidhamanii gara Baabiloonii fidan maraa woliin haada sibiilaatiin hidhamee ture.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Ajajaan loltoota mooticha eeganuu Nebuzaraadaan, Raama'atti Ermiyaas hiikeen duuba jechi Mootii Waan Maraa biraa gara Ermiyaasii dhufe; yennaa san Ermiyaas worra Yerusaalemii fi Yihudaa keessaa booji'anee wodaroo sibiilaatiin hidhanee gara biyya Baabilonii geessane woliin jiraayyu.