Jeremiah 40:10 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Anileeni Mispa keesa tae, hojja worri Babiloni d'ufu isanii dubbad'a. Ammo isani daad'ifi mid'aani mukhaatifi d'aad'a olikeyad'a, ollowaani isani iti qubatani tana keesa taa.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Anillee waan isin woliin Mitsiphaa keessa jiraadhuuf hennaa worri Baabiloonii gara keessan dhufan ani waan keessaniif bakka bu'ee isinii dhaabadha; isin garuu gandoota keessa jiraattan maraa keessatti hurbuu woyini'ii, dhadhaa ejersaatii fi daraaraa dhaaba biqiltuu biraallee wolitti qaba'aa kaayadhaa'a» jedhee isaanii deebise.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Anille Miisphaa keessa le'ee, worri Baabilonii yennaa as dhufanu addee teessan bu'ee isiniif hin falmadha; isin ammoo midhaan woyni'ii, zayitii ejersaatii fi midhaan muka adda addaa wolitti qabadha'aatii okkote'etti kuufadha'aa qachaa qabattane kana keessa le'a'a» jedhe.