Jeremiah 40:11 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Duuba worri Israeli ka lafa Moabutifi lafa Amonitifi lafa Edomutifi lafa d'ibile keesa jiru, aka hayyuuni Babiloni worra Israeli ka gari lafa Yuda keesati hambise, Gedalia gudda worraa tolche, d'agaye.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Uduma kun akkanatti jiru worri Israa'elii, worri Moo'aabii, worri Amooniin, worri Edoomiitii fi worri biyya gara garaa keessa jiraatan akka mootiin Baabiloonii Yihuudota hagoo hambisee fi Gadaaliyaa bulchaa isaanii taasisee akka muude dhagayan.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Worri Yihudootaa ka Mo'aab, Amooni, Edoomii fi biyya dhibii keessa le'anu marti mootiin Baabilonii biyya Yihuda'aa keessatti Yihudoota garii akka hamburee fi akaakoo Shaafaanii ilma Ahiiqaamii Gedaaliyaa bulchaa isaanii akka godhe yennaa dhage'ane,