Jeremiah 40:15 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Jennaani Yohanaani d'ossani isa yaame waan jed'eeni, Ani deeme, Ishmaeli ka nami tokoleeni quba inqamne ijeesa, na gad'iisi. Inni maafi si ijeese, Yahudi fulla tante jirtu ch'ufa gargari firfirse worra Yuda ka hafe hobaasa?
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Kanaan maayessa Yohaanaan Mitsipha'atti hojja isaatitti akkana jedheen «Ka waan kana godhe eennuun akka ta'e uduu hin beenne dhaqee Ismaa'eliin ajjeesa; inni atta si ajjeessu'uuf si ugge? yoo inni si ajjeese sababaa kanaaf worri Yihuudi'ii ka naannaya kee jiran hin bittinnaayan; inni banii boojuu irraa hafan ka biyya Yihuuda'aa keessa jiraatan irrattillee badii guddaa fida.»
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Achiin duuba ilmi Qaarehaa Yohaannaan Miisphaa keessatti dhossa'aan Gedaaliya'atti dubbattee, «Nami tokkolle adoo hin beekin ilma Nataaniya'aa Ishimaa'el ani hin ijjeesa; Yihudooti si biratti wolitti qabante marti akka bittinnoottuu fi worri biyya Yihuda'aa keessatti hafelle akka baduuf inni maaf si ijjeesuu barbaada?» jedhe.