Jeremiah 40:4 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Ammo amma tana anini sansalata harka kanke iraa hiikhe si gad'iisuu jira yo atini lafa Babiloni na woliini deemu feete nu yaasi, anini si qorqorad'a. Ammo yo infeene ufira tai. Lafti ch'ufti ta si duraa mullatu tana, fulla feetu deemi.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Ani amma haada sibiilaa harka kee irra jiru kana si irraa hiikee bilisa gad si dhiisa; yoo ka ana woliin gara Baabiloonii dhaqu'uuf taatuu akkuma feete ta'i ani waan ati barbaaddu maraa sii godha; yoo achi dhaquu hin barbaanne garuu hafuu dandeetta; kunoo ati biyya maraa waan arga'aartuuf gara hulee ufii feetee deemuu dandeetta.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Kunoo ani adha wodaroo sibiilaa harka keeti irraa hiikee gad lakkisaara. Ati na woliin gara Baabilonii dhaquu yoo jaalatte, koy; anille waan dansaa si'iif hin godha; ati na woliin gara Baabilonii dhaqiisa yoo hin barbaadin ammoo hin dhaqin. Kunoo, latti Yihuda'aa marti si dura jirtii, gara jaalatte deemi!» isaan jedhe.