Jeremiah 40:7 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Worra gugurda askarti Yudatifi askartini worraa ta gari harka inkennanne. Worri aka hayyuuni Babiloni Gedalia gudda lafa suni tolche, ammalle worra boojiani Babiloni ingeesini, d'iirafi nad'eenifi ijoolleefi hiyyeeyi lafa suni, harka isati kenne d'agaye.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Bulchoonni ajajoota loltoota Yihuuda'aatii fi loltoonni hagoon hennaa saniif harka hin kennanne isaan mootiin Baabiloonii Gadaaliyaa bulchaa biyyatti'ii godhee akka muudee fi hiyyeeyyii biyya keessatti hafan ka gara Yihuuda'aa hin dhandhe irratti akka bulchaa isa taasise dhagayan.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Ajajjooti loltootaatii fi loltooti Yihuda'aa ta worra Baabiloniititti harka hin kennatin marti, mootiin Baabilonii ilma Ahiiqaamii Gedaaliyaa biyya irratti bulchaa akka godhe, worra hiyyeeyyii dhiira, dubarti'ii fi ijoollee gara biyya Baabilonii adoo hin booji'amin biyyatti hafane irratti itti gaafatamaa akka godhe yennaa dhage'ane,