Jeremiah 41:1 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Jia torbeeso ka ganna suni, Ishmaelini ka ilmi Elishama, ka worra hayyu keesaa d'alate, ka innileeni askarti hayyu keesa guddinna qabu, nama kud'ani woliini Gedalia, ka Mispa jiru, argu d'aqe. Ato worri ch'ufti tae sagale woliini sooratu,
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Baruma kana ji'a arfeesso'ootitti worra gugurdaa baallii qaban ka mootichaa keessaa namni tokko nama maatii moototaa keessaa Ismaa'el ilmi Naataanii ilma ilma Eelshaamaa'ii namoota kudhanii woliin Gadaaliyaa bulchaa biyyaa laalu'uuf gara Mitsipha'aa dhaqe; isaan maruu uduu wol gayanii waa nyaata'aaran,
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Wogguma san keessatti ji'a torbeesso'oo sanyii moototaa keessaa, ajajjoota loltoota mootichaa keessaa tokko ka te'e, akaakoon Eliishaama'aa ilmi Netaaniya'aa Ishimaa'el, namoota kudhan woliin gara Gedaaliyaa ilma Ahiiqaamii Miisphaa dhufe; isaan Miispha'atti wolitti qabamanee nyaatiisatti adoo jiranuu,