Jeremiah 41:8 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Ammo worra suni keesa nami kud'ani waan Ishmaelini jed'e, Aabbo nu inhobaasini, nu dargayefi garbuufi d'ad'afi damma yayu oobru keesati d'ossine. Tanaafi inni worra, worra kaani woliini inhobaamne, lubbu baase.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Namoota saddeettamaa keessaa namoonni kudhanii «Yabo'oo nu hin ajjeesin, nu qamadii, garbuu, dhadhaa ejersaatii fi damma qonna keessatti dhoffanneerru heddu qabnaa» jedhanii Ismaa'eliin kadhatan; innillee isaanii araarame.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Namoota saddeettama san keessaa nami kudhan ammoo Ishimaa'eliin, «Nuuti qamadi'ii fi garbuu, zayitii ejersaatii fi damma fichaa keessatti dhoffanneerra; maganne'e nu hin ijjeesin» jedhane; maarre inni worra kaan woliin isaan hin ijjeenne.