Jeremiah 41:9 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Eeli Ishmaelini reefa worra hobaase suni iti guure eela gudda toko, ka duri hayyu Asani qot'e, gaafa hayyuuni Israeli, ka Baasha jed'ani, isa had'uu jiru. Ishmaelini eela suni reefa worra sunitini guute.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Boolli isaan namoota sanniin ajjeesanii itti gatan sun boolla guddaa mootiin Israa'elii Baa'ishaan hennaa balaa buusu boolla mootiin Aasaan ufiin eegu'uuf qochisiise ture; Ismaa'el boolla san reeffaan guute.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Boolli bisaanii guddoon ta Ishimaa'el reeffa namoota shallaaga'aan ijjeesee keessa buuse sun ta mootiin Yihuda'aa Aasaan mootii Israa'elii Baashaan woliin yennaa lole qochisiise; ilmi Nataaniya'aa Ishimaa'el reeffa worra ijjeesee boolla sanitti guute.