Jeremiah 42:18 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
AABBO Waaqi Israeli waan jed'u, Akuma anini worra Yerusalemuti gugubad'e dallane, akasuma isanileti dallana, yo isani lafa Misiri d'at'ani. Nami yo isani argu, isani iraa rifate isani goyeese, maqa keesanini woli abaara; ammalle isani deebitani fulla tana ingartani.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
«Rabbi Gooftaan banii maraa Waandhi Israa'elii akkana jedha, ‹Yoo biyya Misirii deemna jettanii murteeffattan akkuma armaan dura aari'ii fi lolli kiyya banii Yerusaalemii irratti bu'e akkasuma isin irrattillee hin bu'a; isin banii maraafuu worra adabbii hamaa nama sodaachisuun adabame taatan.› »
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
«Mootiin Waan Maraa Ka Waan Mara Dade, Waaqi Israa'elii, ‹Aari'ii fi mufiin tiyya worra Yerusaalem keessa le'utti akkuma dhangalaate, yennaa isin biyya Gibxi'iititti galtane mufiin tiyya isin irralle'etti hin dhangalaati; isin waan abaarsaatii fi jibbamaa, jecha abaarsaatii fi coora'aa hin teetan. Addee tana deebitanee hin dhaggitanu› jedha» jedhe.