Jeremiah 43:12 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Anini maneeni waaqoota Misiri gube, hayyuuni lafa Babilonileeni waaqoota worraa gube yokhaani boojia. Akuma tissituuni woya ufi injirani iraa guurte qulqulleesitu akasuma hayyuuni Babiloni lafa Misiri daara baase, qulqulleese, biraa deema.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Manniin waaqolee tolfamaa biyya Misirii gubee waaqolee tolfamaa isaanii booji'a; akkuma tisseen kadhoo dachaa uffattu, biyya Misiriillee bulchiinsa ufii jalatti dachaa godhee uduu womaa hin miidhamne moote'een achii baya.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Inni galma waaqota Gibxi'ii hin guba; waaqota isaaniille hin booji'a; akkuma tisseen woyaa irratti woyaa facaafattu, inni biyya Gibxi'ii biyya ifii irratti ede'atee nageyaan hin deema.