Jeremiah 44:12 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Worri Yuda ka hafe, ka amma lafa Misiri d'aqe achi tau fed'u ch'ufa imballeesa. Worri sunini ch'ufti, diqaafi guddaleeni lafa Misiri keesati woraanafi yokhaani garaachani hobaa. Nami worra arge iraa rifate worra tufate maqa worratiini woli abaara.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Worra Yihuudaa keessa jiran ka baqa irraa hafan ka gara biyya Misirii dhaqanii jiraachuu murteeffatan maraa akka badan taasisa; diqqa'aa haga gudda'aa lola, yookaan beelaan biyya Misirii keessatti du'an baniinillee du'a isaaniitiin nayan, baniin maruu isaanitti baldan, maqaa isaaniillee maqaa abaarsaa godhan.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Yihudoota worra biyya Yihuda'aa keessatti baraaree hafe, ka biyya Gibxi'ii dhaqee achi qubatiisaaf murteeffate hin fixa; isaan biyya Gibxi'ii keessatti shallaaga'aa fi beelaan hin dhumatan; diqqa'aa haga gudda'aatitti shallaaga'aa fi beelaan hin dhumatan; isaan waan abaarsaatii fi jibbamaa, jecha abaarsaatii fi coora'aa hin te'an.