Jeremiah 44:14 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Nami Yuda ka hafe ka amma d'ufe lafa Misiri tau, tokoleeni baqate duraa imbahu. Nami tokoleeni lafa Yuda, ta guddo iti deebiu fed'uti, indeebiu, nama tatake toko ka baqate male.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Worra Yihuudaa keessatti baqa irraa hafanii gara biyya Misirii deemanii achi jiraatan keessaa namni dheessee bawu yookaan hafu tokkollee hin jiru; biyya Yihuuda'aa ta deebi'anii keessa jiraatu'uuf hawwanitti eennullee hin deebi'u; worra baqatan hagoo malee ka deebi'ee galu hin jiru.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Worri Yihudaa keessatti baraaree hafee achi le'iisaaf gara biyya Gibxi'ii dhaqe, gara biyya Yihuda'aa deebi'anee le'iisaaf halchanulle, worra baqatee deebi'u garii malee, miliqee jalaa bayee yookiin jiru'uun hafee, gara biyya Yihuda'aa ka deebi'u tokkolle hin jiraatu» jedhe.