Jeremiah 44:17 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Nu waan, intolchina jenne kaani ch'ufa intolchina. Nu hit'aana waaqoota teenna hayyiti gubbati aarsine, daad'ile d'ibaayu baamnaafi, akuma nuufi ababoota teennafi hayyoota teennafi jaaroleeni teenna duri dira Yudatifi kara Yerusalemu keesati tolchine. Gaafasi nu guddo sagale qamna, horile guddo qamna, gaargali injiru.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
nu'u waan hin raawwanna jennee yaanne maraa hin goona; nu waaqa tolfamaa teenna ta mootittii sami'ii jedhamtuu hixaana hin aarsina; nu'u abboonni teenna ta durii mootonni teennaa fi bulchoonni teenna qachoota Yihuuda'aatii fi akkaatama karaa Yerusaalemiititti godha'aa turre san ammallee kennaa daadhii woyini'ii isi'ii dhiyeessina; hennaa waan kana maraa goonu san atoota heddu qabna; nu dureeyyii waan turreef rakkoo woyiituu hin qabnu.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Nuuti waan hin tolchina jenne mara hin tolchina; akkuma abbootiin teenna, moototi teennaa fi qondaaltoti teenna qachaa Yihuda'aatii fi karaa Yerusaalemii irratti tolchane nuutille mootittii ol-gubba'aatiif hixaana hin aarsina; kennansa daadhii woyni'iille hin dhibaanna; bara san nuuti sagalee bacaa qannaayyu; akka dansaa leena malee wonni hantuun nu hin dhaqqadduuyyu.